16 Kanaafuu ati waan laphii3:16 Laphii – Lodooqiyaa bira burqaawwan hoʼaa bishaanonni isaanii fagoo deemanitu ture. Bishaan kunis laphii (bulluqoo) taʼee ergasii qilee (hallayyaa) fuula Lodooqiyaa duraatti dhangalaʼa ture. Bishaan sunis dhukkuba namatti fida ture. taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera. 17 Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu.
Publicidade