41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
Tokkummaa Amantootaa
42 Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Allaah duratti duʼaa gochuuttis ni jabaatan. 43 Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame. 44 Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. 45 Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. 46 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. 47 Allaahas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.