3Yuunuus garuu Rabbii Allaah duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee Rabbii Allaahan duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale.
5Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqeffatamaa isaanii tolfamaatti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan.Yuunuus garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe.
9Innis, "Ani Ibricha Rabbii Allaah, Allaah isa Shamaayʼunii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha" jedhee deebise.