4Nus akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf waan kana barreessina.
7Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Iisaa cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.
9Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.