Pular para o conteúdo
Publicidade

Efesoon 2

Al-Masiihiin Jireenya Argachuu

1 Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan; 2 kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha. 3 Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre. 4 Garuu Allaahan araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, 5 yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Al-Masiihii wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também