11 Haxxummaa ibliisiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Allaaha guutuu hidhadhaa. 12 Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo shamaayʼun keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii.
Publicidade
Publicidade