Akeekkachiisa
14 Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii. 15 Nama kamitti iyyuu ayyaanni Allaaha akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa.