Publicidade

Hebreus 12

22 Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Allaah jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee shamaayʼun keessaa dhuftaniirtu. Gara malaʼikkoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu; 23 gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii shamaayʼun keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Allaah Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii, 24 gara Iisaa araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Haabiil dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-