5 Muusaan waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Allaaha hunda keessatti amanamaa ture.3:5 Lak 12:7 6 Al-Masiihiin garuu akka Ilmaatti mana Allaaha irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.