Publicidade

Hebreus 9

Iddoo Qulqulluu Isa Lafaa Keessatti waaqeffachuu

1 Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture. 2 Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, "Iddoo Qulqulluu" jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture. 3 Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, "Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu" jedhamu tokkotu ture. 4 Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Haaruun inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame. 5 Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-