13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee, 14 yoos dhiigni Al-Masiihi isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Allaahaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Allaah jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!