Pular para o conteúdo
Publicidade

Yohannis 20

16 Iisaanis, "Mariyaam!" jedheen.

Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, "Rabbuunii!" jetteen. Hiikkaan isaas "Barsiisaa" jechuu dha.

17 Iisaan immoo, "Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Allaah kootii fi Allaah keessaniitti ol nan baʼajedheera jedhiitii isaanitti himi" jedheen.

18 Mariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, "Ani Gooftaa argeera!" jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também