Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 3

Haadha Iisaatii fi Obboloota Isaa

31 Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan. 32 Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, "Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru" jedhanii isatti himan.

33 Inni immoo, "Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?" jedhee gaafate.

34 Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; "Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti! 35 Namni fedhii Allaaha raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis."

Veja também