Publicidade

Marcos 8

34 Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; "Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu. 35 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi injiilaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. 36 Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata? 37 Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa? 38 Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin malaʼikkoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-