Publicidade

Provérbios 5

3 Hidhiin ejjituu damma coccobsa;

haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;

4 dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti;

akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.

5 Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa;

tarkaanfiin ishee qabriitti nama geessa.

6 Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu;

daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.

7 Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa;

waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.

8 Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa;

balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;

9 kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif,

umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_15-35-42-