15 Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. 16 Akka nu ijoollee Allaaha taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana. 17 Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Allaaha ti; Al-Masiihii wajjinis ni dhaalla.