Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaías 40

28 Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?

Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;

biyya lafaa duudii ka dade isa;

Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;

eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande’u.

29 Inni worra laafeef

jabeenna hin kenna;

worra dadhabeef hunna hin ede’a.

30 Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille’e;

dargaggootille gufattee hin jiddi.

31 Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

Veja também