6 Ani biyya kaabaatiin, ‹Kolbaa tiyya fida’a!›
Biyya kibbaatille’een,
‹Isaan hin dhooggina’a!› hin jedha;
ilmaan tiyya biyya fago’oo irraa,
ijoollee tiyya ta durraa qaccee biyya lafaatii fida’a.
7 Kolbaa maqaa kiyyaan waamante mara,
ta ani ulfinna kiyyaaf dadadhe,
ta ani bifa itti tolchee huje fida’a!» hin jedha.