Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaías 53

3 Inni nama namooti jibbanee tuffatane;

inni nama dhibee guddo’oo fi rakkoo guddoo qabu.

Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti;

inni nama tuffatame;

nuutille ulfinna isaaf hin kennine.

4 «Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,

dhibee teennalle ba’ate.

Te’uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,

akka Waaqi balaa isatti buusee,

akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.

5 Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname;

sababa yakkaa teennaatiifille butute.

Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne;

madaa isaatille’een nuuti fayyine.

Veja também