10 «Bokkeennii fi dhakaan bokkeyaa
ol-gubbaa irraa gad roobee,
lafa jiisiisaan,
latti quunxitee, midhaan akka baachu
ka facaasuuf sanyii,
ka nyaatuuf sagalee,
akka kennitu godhu malee,
gara ol-gubba’aa akkuma hin deebine,
11 jechi afaan kiyya keessaa bawu,
waan ani fedhe hujee,
waan ani itti ergelle
muummessu malee,
akkasumaan gara kiyya hin deebi’u.