2 Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi
guyyaa Waaqi keenna haluu bawu,
akka ani lassuuf,
worra bowu mara
akka ani jajjabeessuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
3 Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru,
mata’atti addee daadhaa firfirfatanu
marata dansaa akka ani itti maru
addee bowanu,
zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu,
addee ayyaana gaddaa,
woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf,
na ergeera.
Isaan, «Qilxaa balchumma’aa,
ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.