Publicidade

Provérbios 18

1 Nami nama woliin wolii hin galle,

fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada;

muraa haqaa maraayyuu hin morma.

2 Nami gowwaan yaada ifii qofaa

namatti mudhisuu barbaada malee,

hubanti’itti hin gammadu.

3 Hammeenni yennaa dhufu,

tuffatamiisille hin dhufa;

salphinnalle woliin qaani’itti dhufa.

4 Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile’ee ti;

maddi qarumma’aa ammoo akka bisaan yaa’uu ti.

5 Nama hama’aaf goluun,

yookiin nama yakkaa hin qanne

haqa dhoogguun dansa’aa moti.

6 Haasonni nama gowwa’aa lola isatti kaasa;

afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida.

7 Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa;

afaanuma isaatittuu akka tiyyo’oo isa qaba.

8 Dubbiin nama nama hamatuu

akka sagalee mi’oottuuu ti;

isiin gara qochumaanii gad hin buuti.

9 Nami huji’itti booseyu

obboleessa nama wo balleessuu ti.

10 Mootiin Waan Maraa

akka xelleephoo jaddu’uu ti;

worri balchooleen

itti baqatanee bayan.

11 Qabeenni dureeyyi’ii isaaniif

akka qachaa dalleya dhaka’aa jabaa qabuu ti;

isaan akka dalleya dheera’aatitti

isa hedatan.

12 Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;

ulfinnaan dura ammoo

gad ifi qabiisatti dhufa.

13 Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun,

gowwumma’a;

fokko’ollee.

14 Yaadi namaa dhibee hin ossata;

yaadi yoo cabe ammoo

eentu isa fayyisuu dande’a ree?

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-