Eebba Qarummaa Irraa Dhaggamu
1 Ilma kiyya, jecha kiyya yoo fudhatte,
ajaja kiyyalle qalbii teeti keessatti yoo bulfatte,
2 gurra keeti gara qarumma’aa yoo qabatte,
gadhaa keetille gara hubanti’ii yoo deebifatte,
3 beekkumsa guddaa yoo waammatte,
hubanti’iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite,
4 akka meeti’ii yookiin akka qabeenna dhoffameeruu,
qarummaa yoo barbaadde,
5 ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta;
beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta.
6 Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,
beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.