10 Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande’a?
Isiin dooqa diimaa caalti.
11 Dhirsi isi’ii gadhaa tokkochaan isii addata;
Inni waan tokkolle hin dhabu.
12 Bara jiruu isi’ii mara waan dansaa isaaf gooti malee,
waan hantuu isa irratti hin hujju.
13 Isiin rifeensa hoole’eetii fi quncee talba’aa barbaaddee,
harka ifiitiin woyaa dhootti.
14 Isiin akkuma hoboloota gugurdoo daldaltootaa,
biyya fago’oo irraa sagalee fiddi.
15 Isiin ganama adoo latti hin bari’in kaatee,
maatii ifiitiif sagalee kenniti;
durra tajaajiltoota ifiitiifille
hujii isaanii itti qooddi.
16 Isiin fichaa qorqortee bitatti;
bu’aa hujii harka ifiitiin
muka woyni’ii dhaabbatti.
17 Isiin hunnaan hujii ifii hujatti;
irreen isi’iille huji’iif jaddu’u.
18 Hujiin isi’ii bu’aa akka qaddu hin beetti;
issaan isi’iille halkan hin dhaamu.
19 Harka ifiitiin fuuttaa qabatti.
Quba ifiitiin liqaaqaa irbiti.
20 Isiin hiyyeessaaf hin kenniti;
rakkataalle hin qarqaarti.