15 Niitii teeti akkuma boolluma bisaanii keetii fi
baleessuma keetii, achuma keessaa uni.
16 Maddi keeti diidatti,
bisaan lagaa keeti
karaa keessatti dhangala’uu qabaa ree?
17 Isaan si qofaaf te’anuu ti;
alagaa woliin hin qoodamin.
18 Maddi keeti ka eebbifame te’uu ti;
niitii teeti ta qeedhumma’aan fuute woliin firinxiixi.
19 Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba’aa
sii teetuu ti.
Harmi isi’ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi’iitiin
yennaa mara machowi.
20 Ilma kiyya,
maaf dubartii gaarayyeeffattu’uun machootta?
Maaniif qoma dubartii nama dhibi’ii hanqafatta?