3 Hidhiin dubartii gaarayyeeffattuu nadhii coccossiti;
dubbiin isi’ii zayitii caalaa lallaatti;
4 dhuma irratti ammoo akka hargiisaa hadhootti;
akka shallaagaa qara lamaa
qara qaddi.
5 Miilli isi’ii gara du’aa deema;
ijjati isi’ii daandii
gara addee worri du’e jiru geessa.
6 Isiin karaa jiru’uu hin yaadattu;
karaan isi’ii daddaba’a;
ammoo isi’itti hin beekkamu.