6 Ati namicha booseya,
me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali;
mala isaa ilaaliitii qaroo te’i.
7 Isaan sooressa,
toowataa yookiin bulchaa hin qabanu;
8 te’uu malee sagalee ifii ta bonaa,
waan isaaniif barbaachisu
yennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan.