Iliyaas Gara Kooreebitti Baqate
1 Ahaab waan Iliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti nabiiʼiyyoota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime. 2 Kanaafuu Iizaabel nama tokko Iliyaasitti ergitee, "Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqeffatamtoonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu" jetteen.
3 Iliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee 4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Rabbii Allaah na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.
Kunoo malaʼikkaan Allaah tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.
7 Malaʼikkaan Rabbii Allaah amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Allaaha kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.