1 Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu; 2 akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii. 3 Utuma namoonni, "Nagaa dha; qabbanas" jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
4 Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti. 5 Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.