Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Mootota 19:14,15,19,35

KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

Kadhaa Hisqiyaas

14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ol baʼee xalayaa sana fuula Rabbii Allaah duratti diriirse. 15 Hisqiyaas akkana jedhee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhe; "Rabbii Allaah, Allaah Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Allaaha. Ati shamaayʼunii fi lafa uumteerta.

19 Kanaafuu yaa Rabbii Allaah keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Rabbii Allaah, akka ati qofti Allaah taate beekaniif harka isaatii nu baasi."

19:20-37 kwf – Isa 37:21-38

19:35-37 kwf – 2Sn 32:20-21

35 Halkanuma sana malaʼikkaan Rabbii Allaah gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture!

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    14 ህስቅያስስ ኤርገሞተ ሰነ ሀርካ ጠለያ ፉዼ ዱብፈቴ። ኤርገሲስ ገረ መነ ቁልቁሉማ ዋቀዮት ኦል በኤ ጠለያ ሰነ ፉለ ዋቀዮ ዱረት ድሪርሴ። 15 ህስቅያስ አከነ ጄዼ ዋቀዮን ከዸቴ፤ "ያ ዋቀዮ፣ ዋቀ እስራኤል፣ ከን ኪሩቤል ግዱ ቴሶረ ጅርቱ፣ ስ ቆፈቱ ሞቱሞተ ለፋ ሁንደረት ዋቀ። አት ሰሚፊ ለፈ ኡምቴርተ።

    19 ከናፉ ያ ዋቀዮ ዋቀኬኘ፣ አከ ሞቱሞን ለፋ ሁንድኑ ያ ዋቀዮ፣ አከ አት ቆፍት ዋቀ ታቴ ቤከኒፍ ሀርከሳቲ ኑ ባስ።"

    35 ሀልከኑመ ሰነ ኤርገማን ዋቀዮ ገድ በኤ ቁበተ ወረ አሶር ኬሰት ነመ ኩመ ዽበ ቶኮፊ ሰዴተሚ ሸን ፍጤ። ዮሙ ነሞትን ጉያ እት ኣኑ ገነመ በሪን ከአንት ኩኖ ሬፍ ነማ ለፈ ጉቴ ቱሬ!

  2. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse. 15 Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; "Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.

    19 Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Waaqayyo, akka ati qofti Waaqa taate beekaniif harka isaatii nu baasi."

    35 Halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture!

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.