7 Lollis shamaayʼun keessatti kaʼe. Miikaaʼiilii12:7 Miikaaʼiilii – hangafoota malaʼikkootaa keessaa isa tokko; innis Dan 10:21 irratti eegduu saba Israaʼel kan addaa jedhamee ibsame. Malaʼikkoonni Miikaaʼiiliis warra ajaja isa jala jiranii dha. fi malaʼikkoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi malaʼikkoonni isaas of irraa lolan.