Gara Waldaa Kiristaanaa Sardeesitti
1 "Malaʼikkaa Allaaha kan waldaa kiristaanaa Sardeesitti 3:1 Sardeesitti – Sardees magaalaa guddoo mootummaa Liidiyaa kan durii turte. Isheenis magaalaa Soorettii wiirtuu industirii beekamtuu iddoo uffanni suufii fi miʼoonni qalamii dibaman itti hojjetaman turte; taʼus magaalattiin kun sochii lafaa kan bara 17 (bara araaraa) keessa taʼee fi waraana garaa garaatiin moʼatamtee gad deebiteerti. akkana jedhii barreessi:
Inni Hafuurota Allaaha torbaa fi urjiiwwan torba qabu sun akkana jedha.
Ani hojii kee beeka; ati maqumaaf jirta malee duuteerta. 2 Dammaqi! Ani fuula Allaah kootii duratti hojiin kee guutuu taʼuu isaa hin argineetii waan duʼuu gaʼe sana jajjabeessi.