2 Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko shamaayʼun irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute. 3 Isaanis waan akka arraba ibiddaa2:3 Waan akka arraba ibiddaa – Ibiddi mallattoo argamuu Allaaha ti; murtii Allaaha wajjinis ni deema. tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. 4 Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.