Phexros Namicha Naafa Tokko Fayyise
1 Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo duʼaa godhatanitti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan. 2 Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan "Miidhagaa" jedhamuutti geessu turan. 3 Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate. 4 Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, "Mee nu ilaali!" jedheen. 5 Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale.
6 Phexrosis, "Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Iisaa Al-Masiihii isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!" jedhe. 7 Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate. 8 Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Allaahas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene. 9 Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Allaah galateeffachuu isaa arganitti, 10 akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, "Miidhagaa" jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis.