18 Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee, 19 "Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa" jedheen.
20 Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; "Sababii ati kennaa Allaaha waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu!