2baayʼinaan daraara;akka malee gammadees ililcha.Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fiShaaroon ni kennamaaf;isaan ulfina Rabbii Allaaha,surraa Allaah keenyaas ni argu.
3Harka dadhabe jajjabeessaa;jilba laafes cimsaa;
6Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala;arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata.Bishaan gammoojjii keessaa,burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.