24 Muusaan yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide. 25 Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Allaaha wajjin dhiphachuu filate. 26 Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Al-Masiihiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate.