5 Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha:
"Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin;
yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin;
6 Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii;
inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba."12:6 Fak 3:11,12
7 Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? 8 Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. 9 Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!