Addunyaan Barattoota Jibbuu Isaa
18 "Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa. 19 Utuu isin kan addunyaa taatanii silaa addunyaan kan ofii isaa ni jaallata ture. Amma garuu waan ani addunyaa keessaa isin filadheef isin kan addunyaa miti. Kanaafuu addunyaan isin jibba.