Pular para o conteúdo
Publicidade

João 16

7 Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga. 8 Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa; 9 waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef; 10 waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef; 11 waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.

Veja também