Publicidade

João 2

13 Iisaanis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe. 14 Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge. 15 Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. 16 Warra gugee gurguraniinis, "Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!" jedhe. 17 Barattoonni isaas, "Hinaaffaan mana keetii na gugguba" jedhamee akka barreeffame yaadatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-