14 Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Iisaa achi dhaabatu argite; garuu Iisaa taʼuu isaa hin beekne.
15 Iisaanis, "Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?" jedheen.
Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, "Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi" jetteen.
16 Iisaanis, "Mariyaam!" jedheen.
Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, "Rabbuunii!" jetteen. Hiikkaan isaas "Barsiisaa" jechuu dha.