Pular para o conteúdo
Publicidade

João 5

Iisaan Beetisayidaatti Dhukkubsataa Fayyisuu Isaa

1 Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Iisaanis Yerusaalemitti ol baʼe. 2 Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. 3 Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [4 Malaʼikkaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]5:4 Waraabbileen durii tokko tokko kutaa walakkaa luqqisaa sadii irraa jalqabee hamma luqqisaa afuriitti jiru hin qaban. 5 Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture. 6 Iisaanis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, "Ati fayyuu barbaaddaa?" jedhee isa gaafate.

7 Dhukkubsataan sunis, "Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena" jedheen.

8 Kana irratti Iisaan, "Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi" jedheen. 9 Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme.

Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture;

Veja também