Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 15:1-7

Fakkeenya Hoolaa Badee

1 Gaaf tokko warri qaraxa fuudhanii fi cubbamoonni hundi Iisaa dhaggeeffachuudhaaf isa biratti walitti qabamaa turan. 2 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu, "Namichi kun cubbamoota simata; isaan wajjinis ni nyaata" jedhanii guunguman.

3 Iisaanis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; 4 "Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? 5 Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee, 6 mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha. 7 Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif shamaayʼun keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.