22 "Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan malaʼikkoonni Allaaha isa baatanii gara bobaa Ibraahimitti isa geessan; sooressichis duʼee qabbarame. 23 Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Ibraahimin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Ibraahim keessatti arge. 24 Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Ibraahim, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen.
25 "Ibraahim garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta. 26 Waan kana hunda irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookaan akka warri isin biraa gara keenyatti ceʼuu hin dandeenyeef nuu fi isin gidduu boolla guddaatu jira.’