1 Iisaanis akka isaan yeroo hunda duʼaa gochuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime. 2 Innis akkana jedhe; "Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Allaah hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture. 3 Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.
4 "Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Allaah hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee, 5 sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ "
6 Gooftaanis akkana jedhe; "Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa; 7 Allaahan immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree? 8 Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?"