Iisaan Duʼuu Isaa
33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. 34 Saʼaatii sagalittis Iisaan sagalee guddaadhaan, "Eloohee! Eloohee!15:34 Waraabbileen tokko tokko Eelii, Eelii jedhu. Laamaa Sabaqtaanii?" jedhee iyye. Hiikkaan isaas, "Yaa Allaah ko! Yaa Allaah ko! Ati maaliif na dhiifte?"15:34 Zab 22:1 jechuu dha.