Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 2

3 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan. 4 Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Iisaatti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Iisaan tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan. 5 Iisaanis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.

6 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti, 7 "Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Allaah arrabsa! Allaah tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?" jedhanii yaadan.

8 Iisaanis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; "Isin maaliif waan kana yaaddu? 9 Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, Cubbuun kee siif dhiifameerajechuu moo Kaʼii siree kee fudhadhuu deemijechuutu salphaa dha? 10 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha sanaan, 11 "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. 12 Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, "Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!" jedhanii Allaah jajan.

Veja também