Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 5

Iisaan Nama Hafuura Hamaan Qabame Tokko Fayyise

1 Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan. 2 Yommuu Iisaan bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo qabriitii baʼee isatti dhufe. 3 Namichi kun iddoo qabrii jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. 4 Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. 5 Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo qabrii keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.

6 Innis yommuu Iisaa fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. 7 Sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Iisaa Ilma Allaah Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Allaahatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!" jedheen. 8 Iisaanis, "Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!" jedheenii tureetii.

9 Iisaanis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.

Innis, "Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon5:9 Leegewooniin Roomaa tokkichi loltoota 6,000 qabata." jedhee deebise. 10 Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Iisaa kadhate.

11 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. 12 Hafuuronni hamoon sunis, "Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami" jedhanii Iisaa kadhatan. 13 Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.

14 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan.

Veja também