25 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. 26 Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. 27 Isheenis yommuu waaʼee Iisaa dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. 28 Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. 29 Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.
30 Iisaanis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate.
31 Barattoonni isaas deebisanii, "Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?" jedhan.
32 Iisaan garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale. 33 Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte. 34 Innis, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi" jedheen.